"Egaa dhaqaa, maqaa Abbaatii fi Ilmaatti, kan hafuura Qulqulluutti isaan cubuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa" Matt. 28:19

Murtii Walgahii Geggessitootaa fi Luboota Waldaa Tokkummaa Warra Wangeelaa Oromoo Addunyaa isa 19ffa. Minniapolise, MN

Walgahiin keenya walghii hafuuraa, geggeessaa hafuura qulqulluu fi bu’uura Sagalee Waaqayyoo irratti kan hundaa’e, mareen keenya hundi  kan mootummaa Kirstoos babblisuuuf akeekkate, hundee jiruu fi jireenya keenyaa fi dhuga ba’umsa amantii keenya kan tahe soda Waaqayyoo abbaa, kan ilmaa fi kan hafuura qulqulluu madda godhate tahuu irraan kan ka’e dhugaa dubbii Waaqayyoo irratti barumsi nuuf kennamee kadhannaan godhamee, Waaqeffannaan tahee jalqabame.

 Ajandaaleen qophaawan nuuf raabsamnii, gabaasaan Prezidenti (dura taa’aa) kan hojii karoorfamanii, kan hojiilee raawwatamanii,  kan hin raawwataminii, ciminaa fi milkii argaman, rakkoolee nu mudatan irratti dhihaatee, mareen ballaan godhameera. Wanneen gaggaarii gargaarasa Gooftaan hojjetmaniif Gooftaa galateeffannneerra, Karaa biraatiin ammo akka gabaasichaa fi dhugaa ijaan arginuuttis, dhibdeelee ija hirmaattota hundaanuu dhugaadhaan jiran jedhaman keessaa inni guddaan  wal hubannaa dhabuu waldoota ELCA waliin hojjetanii fi kan sana jalaa bahuutu furmaata jedhanii akka tahe hubatame.

 Akka hubannaa walii gala hirmaattotaatti,

1)    Waldoota miseensa tokkuummaa  kanaa keessaa,  tokkollee fuudhaa fi eeruma sagalee Waaqayyoo isa dhugaa irratti hundaa’ee kan dhiiraa fi durba qofa gidduutti tahuu qaba jedhu kan fudhatu malee kan mormu hin jiru,

2)    Waldoota  miseensa tokkummaa kanaa keessaa, tokkummaan hafuuraa fi sabummaa nuti waliin qabnu barbaachisaa miti kan jedhu hin jiru, tasumayyuu tokkummaan kun jabaatee akka itti fufu yaada walii galaatu mul’ata,

3)    Waldoota tokkummaa kanaa keessaa, rakkoon wal hubannoo dhabuu tasuma nu gidduu hin jiru  kan jedhu hin jiru. Akkaataa furmaata isaatti ammoo yaadaa fi mala adda addaatu jira.

4)    Mareen godhame attamiin wal hubannoo dhabuu gidduu keenyaa baafnee waliin hojjenna kan jedhu ture,

Dhibdee adda addummaa nu gidduutti uume kana attamiin irra aannee tokkummaa keenya caalaatti cimsanna kan jedhu balinaan guyyaa guutuu irrtti maree gooneerra. Adda addummaa kana dhiphisuun adda addummaa keenya qabannee tokkummaan waliin hojjechuun ni danda’ama moo hin danda’amu kan jedhus maree guddaa ture. Akka hubannaa gumii tokkummaa kanaatti, waldaan sagalee fi yaadaa ishee baka bu’ummaan hin ibsatin hin jirtu, kanaaf hubannaan gumii kanaa,

 Tokkummaan kun kan jaalalaa fi fedhiin walitti dhufuun hojii wangeelaa itti waamaamne waliin hojjechuuf kan tolfanne, kan of danda’uun waliin hojjechuu irratti bu’uureeffamee dha. Tokkummaan kun seera bulmaataa ha qabaatuyyuu malee seerri bulmaataa kun kan ittiin wal bitnu, kan ittiin wal adabnu utuu hin tahin kan fedhii waldaan warra wangeelaa Oromoo of dandeesse tokko jaalalaan itti dabalmtu, tokkummaa fedhii fi jaalala irratti hundaa’ee dha. Kanaaf seera jaalalaan ittiin waliif abboomamnu malee seera ittiin wal cepha’uu fi ykn ittiin wal adabuuf dhimma itti baanu miti. Tokkummaan kun seera qabu irratti hundaa’uun waldoota warra wangeelaa Oromoo kanneen dhuga bahumsa amantii isaanii wangeela isa dhugaa irratti bu’ureeffame tahuu isaa fi seerri waldattiis kan kanaan wal hin faallessine tahuu amannee kan waliin hojjennu, bakka jabaanetti Gooftaa galateeffataa bakka hirruu tahe ammo waliin tolfataa kan waliin deemnu dha. Kanaafuu walii galatti tokkummaan kun tokkummaa jaalalaa kan waldootni fedhiin walitti dhifan malee tokkuummaa humnaa fi dirqii akka hin taanetti gumiin waliif gala.

Waldaa warra wangeelaa Oromoo of dandeessetu fedhiin qaama tokkuummaa kana tahe yeroo jennu, of danda’uu kan jedhu  kunuu maal jechuu akka tahe irratti adda addummaa hubannaatu jira. Of danda’uun kun waldaa tahanii beekamuu qofa moo waan hundaan of danda’anii dhaabachuu dha kan jedhu maree gumii kanaa kan waggoota shaman darbanii ture.

Mareelee gumii kanaa adda addaa keessattis Of danda’uu jechi jedhu kun jecha irraa gara dhugaa of danda’utti akka jijjiramu murtiilee bara 2010, 2011 fi 2013 darbantu ragaa qabatamaa dha. Dhimmi jiru murtii dabarsanii adda yaa’uu qofa utuu hin tahin murtii kana dhugoomsuuf hamma ammaatti maaltu godhame kan jedhu tahuu akka qabu irratti waliif galla. Of danda’uu jechuun hiika dhugaa malee hiika biraa qabaachuu hin qabu, hiikni dhugaa of danda’uu ammoo hirkannaa tokko malee ofiin dhaabbachuu danda’uu dha.

Gumiin kan bara 2014 kun maree ballaa godhate keessaa yaada Waaqayyo irratti ulfaatu irra guddaatu ka’e. Yaada Waaqa nu dhaabe kana of dandeenyee dhaabbanne tajajaila jedhutu irra guddata, kun ammo waan Waaqayyoonis gara ciibsuu fi nuunis nu guddisu tahuu irratti waliif galla.

Gumiin kun hiika tokkummaa akkuma gararraatti ibsametti hubata. Tokkummaan kun dhimma waldaa keessa galee seera bulmaata kee fi adeemsa kee akkasitti sireessuu qabda jedhee hin dirqisiisu, ammoo utuu qaama tokkummaa kanaa hin tahin seerri waldichaa kan hafuura tokkummaa kanaan wal fudhatu tahuutu ilaalama. Dhimma waldootaa keessa hin galin maleeyyuu garuu tokkummaan waan waldattiifis tahe tokkummaa keenyaaf gaarii tahe irratti yaada kenna, wal gorsa, waan qajeelaa fakkaatu hundaayyuu waldoota hundafuu ni hawwa.

Tokkummaan kun sabani jiraatus jiraachuu baatus itti tolus itti toluu baatus waldootni warra wangeelaa Oromoo of dandeessee dhaabbachuu akka qabdu ija jabinaan dubbata, kana jechuun sababni of dand’uu waldootaa wal dhabbii fi wal hubannaa dhabuu irraan kana ka’e furmaata dhibdee dhalatee qofaatti fudhatamuu hin qabu. Waaqayyos kan nurraa barbaadu kanuma,

Dhugaa kanaan olitti qabxii qabxiin ka’amanirratti hundaa’uudhaan, waldaan Oromoo kamiyyuu hariiroo obbolummaa waldoota  Oromoo hin taane kanneen dhuga bahumsa waliin qabnu irraan adda hin taane waliin qaban akkuma jirutti tahee, egeree waldoota Oromoo fi tokkummaa kanaaf yaaduu irraan kan ka’e  murtiilee armaan gadii kana dabrsina,

 1)    Waldoota warra wangeelaa Oromoo of danda’nii dhaabbachuuf tattaaffi godhaa turan, kan milkaa’aa jiran fakkeenya gaarii waan tahaniif ayyaannii waaqayyoo kana caalaa isiniif ha baayyatu jechaa, of dandu’uu kana bira darbanii waldoota kaaniifuu akka eebba tahaniif isaan jajjabeessina, Gooftaa isa kana keessaatti isaan bira dhaabbatee yaadni eebbifamaa kun akka milkaa’uuf godhe guddifnee galateeffanna.

2)    Waldoota utuu fedhii fi hawwii of dand’uu qabanii, ammoo haala jiru irra aanuu dadabuun, garaan isaanii Of danda’uu utuu fedhuu humna dhabaniif Gooftaa isa hunda danada’u kadhachaafii, akka tokkummaatti bira dhaabbachuun tooftaa tokkummaa amantootaa fi waldicha hin miineen gara of danda’tti akka deeman gargaarsa hunda goonaaf, adeemsi kunis karaa qabachaa deemuun isaa ammumaa kaasee tahee yeroo waggaa tokko hin caalle keessatti ija agarsiisuu qaba.

3)    Waldoota ELCA jala jiranis ha tahu, karaa fedheenuu tokkummaa hojii hafuuraa fi bulchiinsaa waliin qaban, walgahii kana irraa akka deebi’aniin yaada tokkummaa keenya ijaaru qofaa utuu hin tahin waldaan isaanii of dandeessee hidhata kana irraa adda bahuuf amantoota isaanii mariisisuun yeroo waggaa tokkoo keessatti murtii isaanii akka tokkummaa kana beeksisan , tokkummaan kunsis obsaan eegee waldaaleen jedhaman kun hamma waggaa har’aatti murtii isaan fudhatanii dhufan irratti hundaa’uun dhimma kana irratti murtii akka kennu waliif galla, murtii waldootni kun kennan irratti gumiin murtii xumuraa kenna.

4)    Tokkummaan keenya dhimma wal hubannaa dhabuu kana yeroo waggaa sadii oliif irratti qabamnee waan turreef hojii wangeelaa eebbifmaa Waaqayyo itti nu waametti dhimma baasuu hin dadeenye. Waan taheefuu, dhimmota akka qabxiilee murtii armaan oliitti raawwatamuu isaaniif xumura itti gochuu malee dhimmi kun waggaa itti aanutti ajandaa wal falmii tahee dhufuu hin qabu.

 5)    Akka seera tokkummaa kanaatti bara kanatti koreen boordii bara hojii isaa fixatee filmaatni haaraan akka godhamuuf koreen filachiiftuu akka moggafamu ajandaa dhihaate ilaallee, maree erga irratti goonee booda  hamma hojiin qabxiilee oliitti tuxxuqaman rawwatamnitti koree haaraa filuun dhimmicha xumuruuf rakkoo uuma jennee waan amanneef koreen amma jiru akkuma jirutti waggaa tokkoof aka itti fufu sagalee guddaan murteessineerra.

 6)    Waldaan amantoota barattoota University haala sochii hafuuraa irra jiru karaa bakka bu’aa isaanii nuuf ibsamee waldaaleen hunduu gabaasa dhihaateef Waaqayyoon galateeffannee hojii eebbifama kana bira akka dhabbatnu waadaa galleerra.

 7)    Waldaalee Oromoo biyya keessaa, kan biyya Kenya Nairobi fi naannoo ishee jirtu akkasumas waldaalee Ugandaa fi Sudaan ilalchisee dura buutotni waldaa Nairobii fi bakka bu’aan waldaa biyya keessaa ibsa ballaa nuuf kennuun deggersa hirmaattotaa argatee jira, hojii Waqayyoo kanas akka waliin hojjennu jaalalaan waliif fudhanneerra.